Xiinxala Labsii Lafa Baadiyyaa Oromiyaa Haarawa
Hubannaa Labsii Lafa baadiyyaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa irratti kuta kutaan Abbaa Alangaa Naannoo Obbo Ibsaa Camadaatiin dhiyaate dha.
Labsiin lakk.130/1999 bahe waggoota 15 oliif hojii irra ture qorannoo bilchina qabu gaggeeffame irratti hundaa’uun wixineen isaa BAAWOtiin qopha’ee gaafa 11-06-2015 Labsii lakk.248/2015 ta’ee mirkanaa’ee jira. Qophii wixinichaa irraa kasee hanga ragga’insa wixinichaatti gaheen Hooggansiifi Abbootiin Alangaa Daayiroktereeti qorannoo, qophii wixineefi hubannoo seeraa ol’aanaa ture. Wixineen kunis adeemsa cimaa keessa kan darbeefi bilchinaan kan ilalamaa tureera. Haaluma kanaan hubannoo Labsii haara kana irratti kutaa kutaan keessumma dhimmoota haara labsicha keessatti hammataman karaa Abbaa Alangaa Ibsaa Camadaa qopha’ee kutaa kutaan kan isin hubaachisnu ta’a.
Kutaa 1ffaa
Seensi Labsichaa ergawwan maal of keessa qaba?
Seensa Labsii Lafa baadiyyaa lakk.130/1999 yoo ilalamuu lafa hojii Qonna waliin wal qabsiisuun ibsuuf yaala. Haata’u male labsii 248/2015 keessatti lafti ofiidhuma isaatiin bu’uura diinagdee, siyaasaafi hawaasummaa waan ta’eef bulchiisniifi ittifayyadamni isaa sadarkaa guddinni Naannichaa irra gaheefi fedhii jiru giddugaleessa taasisuun carraa misoomaa dhaloota dhufuu irratti miidhaa karaa hin dhaqqabsiisneen akkaataa aadaa, duudhaafi qorqalbii ummata Naannichaatiin walsimuun akka raawwatamu taasisuun kan barbaachise ta’uu tuma. Qabxiin bakka kanatti sirnaan ilalamuuf yaalame 1ffaa Lafti bu’uura diinagdee, siyaasaa fi haawasummaa ta’uu, 2ffaa Haallii Bulchiinsa fi itti fayyadama lafichaa sadarka guddinni naannichaa irraa gahee fi fedhii jiru giddu galeessa taasisuun carraa dhaaloota dhufuu urratti miidhaa karaa hin dhaqqabsisneeb akka ta’u. 3ffaa Haalli Itti fayyadama fi Bulchiinsa lafaa dabarsa fi argannaa isaa dabalatee karaa aadaa, duudhaa fi qorqalbbii uummata naannichaatiin wal simuun akka raawwatamuu qabu dha. Akka fakkenyaatti Dabarsa keessatti dhaalaan yookiin kennaan dabarsuun aadaa uummata Oromoo kan bu’uureffate akka ta’u kan agarsisuu dha.
Qabxiin biraan seensa keessatti akka haaratti dabalamuuf yaalame keessa qajeeltoowwan bulchiinsa lafaan lafti hoogganamuu akka qabu dha. Kunis qajeeltoowwaan Bulchiinsa lafaa jedhamanii akka waliigalatti beekaman keessa qajeeltoowwan iftoominaa, si’oominaa, bu’aa qabeessummaa, hirmaachisummaa fi ittigaafatamummaa jedhamanii beekaman karaa of keessatti qabateen Bulchiinsi lafaa naannichaa akka hoogganamu taasisuun sirna mirga abbaa qabiyyummaa lafaa qonnaan bulaan, horsiisee bulaafi gamisa horsiisee bulaan heeraan qabu hojitti hiikuun fayyadamummaa isaanii mirkaneessuu dandeessisu diriirfamu akka qabu of keessatti kan qabate dha.
Kutaa 2ffaa
Hiikkoo keessatti qabxiilee gurguddoon dabalaman maali?
Hiikkoo ilaalchisee dhimmoota falmisiisoo labsii duraa keessaa turani fi labsii haara kana keessatti hiikkoon haaraan kennameef ni jira. Labsii duraanii keessatti keewwata 2(16) jalatti miseensa maatii hiikame ture keessatti madda wal falmii, shakkii fi bakka tokko tokkotti immoo madda walitti bu’insa cimaa akka ture qorannoon agarsifamee waan tureef, akkasumas Oromoon alagaa dhala isaa taasisee sirna itti waliin jiraachuu danda’u sirna guddifachaa waan qabuuf hikkoon labsii duraanii keessatti “miseensa maatii jechuun ijoollee abbaa qabiyyeerraa dhalataan ykn namoota biro galii biraa hin qabneefi dhaabbataan abbaa qabiyyee wajjiin jiraatan” jechuun hiikamee ture gutummaatti labsii haara kana keessaa hafeera.
Hiikkoo biraan labsii 248/2015 keessatti haala addaan ilaalame hiikkoo horsisee bulaaf kenname dha. Labsii 130/1999 keessatti Horsiisee bulaa jechuun nama naannoo gammoojjiitti lafa margaa fi bishaan barbaachaaf bakkaa bakkatti socho;’uudhaan beeyladaa kan horsiisuu, jireenyi isaafi maatii isaa irraa caalaan beeyladaa fi bu’aa beeyladaarratti kan hundaayee dha jechuun hiikamee ture fooyya’uun labsii haara kana keessatti keewwata 2(8) jalatti Horsiisee bulaa jechuun nama jiruufi jireenyi isaa irra guddaan beeyiladaafi bu’aa beeyilada irraa argamurratti kan hundaa’ee akka ta’eetti hiikamee jira. Hiikkoo kanaaf Sababni bu’uuras horsisee bulaan beekumsa, muuxannoo, dandeettii naannoo gammoojjitti horateen oromiyaa keessaa bakka kamittiyyuu mootummaa irraa lafa argatee horii horsisee buluu irratti bobba’uu waan danda’uuf dirqama “naannoo gammoojjiitti lafa margaa fi bishaan barbaachaaf bakkaa bakkatti socho’’uun” dirqama ta’uu kan hin qabne dha. Gama biraatinis barruulee adda addaa dhaabbileen adda addaa fayyadamaa turan illee yemmuu ilaalamu hiikkaan horsisee bulaaf kenname kun akkaatan labsii haara kana keessatti tumameen ta’uu akka qabu agarsisa.
Kana malees hiikkoo keessatti mirga qonnaan bulaa, horsiisee bulaa fi gamise horsiisee bulaa karaa irra caalaa kabachiisuu dandanda’uun mirgi abbaa qabiyyummaa fi itti fayyadamaa lafa baadiyyaa adda bahee hiikamee jira. Mirgi abbaa qabiyyummaa jechuun mirga bal’aa qonnaan bulaan, horsiisee bulaafi gamisa horsiisee bulaan lafa baadiyyaa seeraan qabate irraa qabu kamiyyuu ta’ee mirga:
Haala karooraa ittifayyadama lafaatiin misoomsuu, ittifayyadamuufi gochaalee seera qabeessa ta’an kan biroof oolchuu, Qabiyyee lafa isaa irraa karaa seeraan ala ta’een buqqa’uu dhabuu, Dantaa ummataaf lafichi yammuu barbaadamu akkaataa seera rogummaa qabuun dursa mirga beenyaa argachuu, Kireessuu, Waliin misoomsuu, Dhaalchisuu, Kennaan dabarsuu, Laficha irratti qabeenya horachuu, Walitti aanfachuu;, Waljijjiruu, Qabeenyaa laficha irratti horatame akkaataa Labsii kana keessatti tumameen dabarsuu, Mirga ittifayyadama lafaa qabsiisuun dhaabbilee faayinaansii beekamtii seeraa qaban irraa maallaqa liqeeffachuufi kan biroo kan dabalatu yoo ta’u;
Karaa biraatiin immoo mirgi itti fayyadama lafaa immoo akkaataa karoora ittifayyadama lafaatiin mirga abbaan qabiyyee kamiyyuu misoomsuu yookiin mirga kireessuu yookiin laficha irratti qabeenya horachuu yookiin qabeenya laficha irratti horatame akkaataa Labsii kana keessatti tumameen dabarsuu yookiin mirga ittifayyadama lafaa akkaataa Labsii kana, Dambiifi qajeelfama Labsii kana raawwachiisuuf bahuutiin wabummaan qabsiisuun liqeeffachuu yookiin mirgoota abbaa qabiyyummaa jijjiirsisuu hin dandeenye biroo kan dabalatu akka ta’eetti adda bahee hiikameera. Hiikkoowwan kun kanaan dura akkaata kanaan adda bahee hiikamee hin jiru.
Gara garummaan mirgoota kanaa inni bu’uura namni mirga abbaa qabiyyummaa qabu mirga abba qabiyyummaa karaa jijjirsisuu danda’uun nama biraatti mirga kana dabarsuu kan danda’u yoo ta’u namni mirga itti fayyadamaa qabu garuu mirgoota abbaa qabiyyummaa jijjiirsisuu hin dandeenye kan qabaatu dha.
Hiikkoon biraan labsii kana keessatti xiyyeeffannoon ilaalamee kan biroon jecha lafa baadiyyaa jedhu dha. Labsiin 130/1999 kew.2(1) jalatti lafa baadiyya jechuun daangaa bulchiinsa magaalaa ala lafa jiru hunda dha jechuun hiikee ture. Haata’u malee hiikkoon kun mirga qonnaan bulaa bal’inaan kan midhee ta’uutu adda bahe. Kunis yeroo tokko tokko osoo qonnaan bulaaf beenyaa kaffalanii lafa isaa harkaa hin fudhatiin pilaanii magaalan lafa daangaa magaalaa jala galchuun ni jira. Yeroo kana qonnan bulaan mirgoota lafa badiyyaa jedhamanii qonnaan bulaaf adda bahanii kennaman kan dhabu dha. Kana irra darbee iyyuu bakka itti tajaajila argatu illee dhabee rakkachaa turee jira. Kanaaf labsii 248/2015 keessatti hiikkoo duran “exclusion rule” fayyadamuun hiikame jijjiruun labsii kana keessatti “Lafa Baadiyyaa” jechuun lafa daangaa bulchiinsa ganda baadiyyaa keessatti argamu ta’ee, lafa akkaataa Labsii kana keessatti tumameen daangeffamee pilaanii magaalaa jala galee walharkaa fuudhinsi hin taasifamne hunda kan dabalatuudha kara jedhuun hiikkoon kallatti kennameefi jira. Mirgoota qonnaan bulaa kana dhugoomsuufis daanga raawwatinsa labsichaa lafa baadiyyaa naannicha keessatti argaman hunda irrattri akka raawwatamuufi haala addaatiin immo xiqqaa 2 jalatti qabiyyee lafa baadiyyaa akkaataa seera rogummaa qabuutiin abbaa qabiyyee harkaa osoo hin fudhatamiin dangaa bulchiinsa magaalaa jala gale irratti raawwatiinsa ni qabaata jechuun hiikameera. Kana jechuun qabiyyeen lafa baadiyya tokko osoo beenyaan kaffalamee qonnaan bulaa tokko harkaa hin fudhatamiin pilaanii magaalatiin daangaa magaala jala kan galu illee yoo ta’e mirga qonnaan bulaa karaa caalmaa ta’een kabachiisuuf jecha raawwatinsa akka qabatus tumameera. Tuma kana caalmaatti kan dhugoomsuus qabiyyee labsicha keessatti bal’inaan hammatameera.
Qabxiin biraa hiikkoo keessatti xiyyeeffannoon ilalamee “Waraqaa Ragaa yookiin Kaartaa Abbaa Qabiyyee”f hiikkoo kenname dha. Hiikkoon gaalee kanaa wabii mirga abbaa qabiyyummaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa mirkaneessuuf biirichaan ragaa kennamu ta’ee, qabiyyeen lafaa hangi isaa kaartaa irratti ibsame kan nama ragicha of harkaa qabuu ta’uu tilmaama seeraa ragaa biraatiin faallefamu danda’u kennisiisu jechuudha. Tilmaamni seera bakka kanatti akka taa’u kan ta’eef yeroo tokko tokko waraqaan ragaa kun dogoggoraan namaaf kennamuu waan danda’uuf namni seeran ala qabate karaa seeran ala ta’een akka hin duuromneef jecha tilmamni seera kun tumameera.
Kutaa 3ffaa
Qajeeltoo waliigalaafi haala argannaa Lafa baadiyyaa ilaalchisee maaltu haara dha?
Labsiin Lafa baadiyyaa lakk. 248/2015 kun karaa labsiiwwaan lafa baadiyyaa biroo irraa adda ta’een qajeeltoowwan bu’uura lafti baadiyyaa tokko ittin hoogganamu qabu of keessatti haammatee bahee jira. Kunis keewwata 5 jalatti qajeeltoowwan bu’uura, abbaa qabeenyummaa, haala argannaa, dabarsa, itti fayyadama, walqixummaan itti fayyadamuufi argachuu fi kanneen biroo of keessatti hammatee tumamee jira.
Qabxiin haaraa biroon labsii kana keessatti haammachiifamuuf yaalame keessa akkaataa argannaa Lafa baadiyyaan wal-qabatee kan jiru dha. Kan labsii duraanii irra ture irratti haaran kan dabalame keessa keewwata 7 jalatti akka hubatamutti akka qajeeltootti namni lafa baadiyyaa argatu nama umuriin isaa waggaa 18 oli ta’eefi qonnaan ykn horsisee buluun ykn gamisa horsisee buluun jiraachuu barbaadu yoo ta’e dha.
Haata’u malee haala adda ta’een labsii haara kana keessatti kan dabalamee umriin waggaa 18 gadi nama jiruuf akkaata itti lafti kennamu danda’u tumamuu isaati. Kunis “daa’immaan umriin isaanii waggaa 18 gadi ta’eefi maatiin isaanii qonnaan yookiin horsisee bulaan yookiin gamise horsisee bulaan jiraachaa kan turaniifi lafa kan hin qabne yoo jalaa boqotan lafa mootummaa karaa guddisaafi bulchaa isaanii argachuuf mirga ni qabu” tumaan jedhu dabalamu dha. Kunis ulaagaa baay’ee dhiphaa ta’een kan kennamuufi garuu immoo haala adda ta’een mirga daa’immanii seerota adda addaan beekamtii argataniif egumsa taasisuuf yaadame kan dabalame dha.
Kanaaf lafti mootummaa irraa kennamu jiraatee ulaagaan keewwata 7(2) jalatti tumame kan guutu yoo ta’e daa’imman umriin waggaa 18 gadi ta’an lafa argachuu ni danda’u jechuu dha.
Kana malees keewwata 7 jalatti qabxiin xiyyeeffannoon ilalamee haara dabalame kan labsii duraanii kew.5(4)jalatti Uummanni waliin ta’uun lafa dheedichaa, burqaa bishaanii, bakka amantii, bakka awwaalchaa, fi tajaajila hawaasaa biroof oolfatu argachuuf mirga ni qabaata jechuun tumamee ture irratti qabatama aadaa fi duudha uummata oromoo irraa ka’uun uummanni Oromoo bakka aadaa fi duudhaa isaa itti calaqqisifatu isa waan barbaachisuuf galee “bakka aadaasaa itti calaqqisifatuu” jedhu labsii haara kana keessatti keewwata 7(5) jalatti dabalamee jira.
Kan duraan mana amantaa qofaaf xiyyeeffannoo kennuun saamicha lafaaf saaxilamaa ture uummanni keenya bakka itti aadaa isaa itti calaqqisifatu gaafatee argachuu akka danda’uf galeen kun dabalamee jira. Kana malees sadarkaan isaa haa xiqqaatu malee mirga dubartoota ni kabachisaa yaadama jedhu irraa kan ka’e keewwata 7(7) jalatti qabxiin haaraan “Abbaan warraa yookiin haatii warraa gaa’ilaan jiran keessa tokko lafa baadiyyaa dhuunfanis ta’ee waloon kan hin qabne yoo ta’e lafti baadiyyaa akka kennamuuf iyyatanii argachuuf mirga qabaachu isaani kan ibsus haara dabalamee jira.
Keewwata 8 jalatti akkaataa argannaa Lafa Dhaabbilee adda addaa karaa iftoomina qabuun tumamuuf yaalamee jira. Kaawwata kana jalatti dhimmoonni gurguddaan akka haaraatti tumaman:1ffaa Dhaabbileen mit-mootummaa yookiin hawaasummaa kaayyoo isaanii kan galmaan geessisuuf gargaaruu mirga lafa baadiyyaa argachuu kan qabaatan ta’uu.
Dhaabbileen kunniin itti fayyadamni lafa isaanii yeroon kan daanga’u ta’uu fi yeroon kun akka barbaachisummaa isaatti haaromfamuu kan danda’u ta’uutu tumamee jira. Mirgi dhaabbileen kunniin lafa irraa qabanis mirga kaayyoo dhaabbataniif qofa itti fayyadamuu yoo ta’u, mirga kireessuu, ,dhaalchisuu, kennaan dabarsuu, Abbaa qabeenyaa yookiin nama dhuunfaa waliin misoomsuufi Wabummaan qabsisuun liqeeffachuu kan hin qabne ta’uu dha.
Yaadamni keewwata kanaas dhaabbileen kunnin kaayyoo murtaa’e tokkoof lafa gaafatanii yoo argatan lafa kana kaayyoo sanaan alatti dhimma biraaf oolchuu kan hin dandeenye ta’uu dha. Gama biraatiin immoo lafa kaayyoo tokkoof gaafatani erga argataniin booda lafa kana qaama 3ffanis akka feeten dabarsuu akka hin dandeenye kan dhorku dha.
Kana malees qabiyyeen Lafa Baadiyyaa dhaabbilee ibsaman kanaaf kennamuus hanga istandardii labsii kana keessatti tumamee yookiin dambiifi qajeelfama labsii kana raawwachisuuf bahuutiin ol ta’uu akka hin qabne tumameera. Akka fakkeenyaatti labsii 248/2015 keewwata 23(3) jalatti bal’inni qabiyyee lafa baadiyyaa mana amantaaf yookiin bakka waqeeffannaa kennamu inni ol-aanaan hektaara walakkaa ol ta’uu akka hin qabne tumee jira.
Kutaa 4ffaa
Ittifayyadama Mirga Abbaa Qabiyyummaa
Mata duree kana jalatti keewwata baay’ee murteessa ta’e kew.9 jalatti dhimmoota haara dabalaman kan ilalamani dha. Keewwanni kun mirgoota abbaan qabiyyee tokko qabuufi haala itti fayyadama isaa ilaalchisee dhimmoota haara dabalamanii fi xiyyeeffannoo addaan ilaalamuu qaban kan itti ibsaman ta’a.
Labsii lakk. 248/2015 keewwata 2(22) jalatti maalummaa Mirga abbaa qabiyyummaaa adda bahee kan tumamee dha.
Keewwata 9 jalatti immoo haala itti mirgoonni kunniin itti fayyadaman irratti kan bu’uureffatu dha.
Kanaaf Qonnaan bulaan, horsiisee bulaan yookiin gamisa horsiisee bulaan mirga abbaa qabiyyee lafaa keewwata 2(22) jalatti hiikkoon qabu kamiyyuu yeroon osoo hin daangeeffamin kan itti fayyadamu ta’uun ifatti tumameera.
Haata’u malee akkuma labsii duraanii keewwata 6(2) jalatti tumametti labsii haara kana keewwata 9(2) jalattis karaa wal fakkaatun hundee biqiltuu dhaabbataa kan akka bunaa, jimaa, maangoo, avokaadoo, paappaayyaa, burtukaanaafi biqiltuu dhaabbataa biroo yookiin hundee muka haadhoo yookiin hundee mukaa kamiyyuu gurguruun dhorkaa akka ta’e tumamee jira.
Qabxiin asitti haara dabalamees kan kanaan dura hundee biqiltuu dhaabbata qofa irratti xiyyeeffate gurgurta dhorke. Labsii haara kana keessatti garuu hundee biqiltuu dhaabbata ykn muka haadhoo ykn hundee mukaa kamiyyuu hundeedhaan gurguruun dhorkaa akka ta’eetti tumamee jira.
Bakka kanatti kan dhorkame hundee isaati malee omisha biqiltuu fi mukeewwan kun argamsisan garuu akkaata labsii keessatti tumameen gurgurachuun akka danda’amu dha.
Kan labsii duraanii irratti bu’aan bittaa fi gurgurtaan seeran alaa rawwatame maal hordofsiisa kan jedhu ifatti hin tumamiin ture labsii kana keessatti kaa’uuf yaalamee jira. Labsii duraanii irratti kew.6(2)bittaa fi gurgurtaa hundee biqiltuu dhaabbata dhorkaa ta’uun alatti bu’aan inni hordofsisuu danda’u ifatti hin kaa’amne ture.
Haata’u malee labsii haara 248/2015 kana keewwata 9(3) jalatti bu’aan bittaa fi gurgurtaan faalla labsichaan raawwatame maal hordofsisuu akka danda’u ifatti kaa’e jira. Kunis bittaa fi gurgurtaan raawwatame fudhatama kan hin qabneefi bu’aa kamiyyuu hordofsisuu kan hin dandeenye ta’ee, namni hundee biqiltuu dhaabbatichaa, hundee muka haadhoo yookiin hundee muka bite beenyaa kamiyyuu gaafachuu kan hin dandeenyeefi biqiltuu dhaabbataa, hundee muka haadhoo yookiin hundee muka bite gadilakkisee kan deemu ta’uutu tumamee jira.
Yaadamni bakka kana jiru namni waan seeran dhorkame osoo seerri ifatti tumame jiru irra darbee raawwate beeke ofii isaatin akka of adabee waliigaltichatti seenetti ilaalama waan ta’eef mirga tokkolle “clami” gochuu akka hin dandeenyetti tumamee jira. Kew.9(4) garuu namuma karaa seeran ala ta’een bitta sana irratti hirmaateef egumsa xiqqo taasisuuf yaalee jira.
Haata’u malee omisha biqiltuu dhaabbata ykn muka haadhoo ykn muka gurguruun labsichaan hayyamamee jira. Qabxiin haaran bakka kanatti dabalamuuf yaalame garuu keewwata 9(5)(c) irra kan jiru dha. Kunis haalli adda ta’e yoo uumamee abbaan mirgaa omisha qabiyyee isaa irra horate gutummaan gurguruu akka danda’u kan hayyamame dha. Kunis xiyyeeffannoo keessa kan galche uummata keenya sababa uumamaa yookiin nam- tolchee gara garaatiin bakka jireenya isaanii qabeenya itti horatanii biqiltuu dhaabbata ykn muka ykn muka haadhoo itti horatan irraa buqqa’anii bakka biraa jiratan akka hin miidhamne yaadame kan dabalame dha.
Abbaan qabiyyee lafa qonnaa yookiin dheedichaa jedhamee waraqaan ragaa kennameef irratti akkaataa karoora ittifayyadama lafaan ibsameen alatti mana ijaaruu yookiin baargamoofi biqiltuu biroo laficha irratti miidhaa geessisuu danda’an dhaabun dhorkaa akka ta’e tumameera. Lafti baadiyyaa karoora itti fayyadama lafaan hoogganamuu akka qabu xiyyeeffannoo ol-aana labsiin kun kenne jira. Kanaaf abbaa qabiyyes ta’e karoora itti fayyadama lafaan bitamuu akka qabu kew.9(10 jalatti tumamuuf yaalameera.
Kana maleesa gara garagaltoo labsii 130/1999tiin labsiin 248/2015 kew 9(13) Manaafi ijaarsota adda addaa lafa baadiyyaa qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi gamisa horsiisee bulaa irratti ijaarame bituufi gurguruun dhorkaa dha jechuun tuma. Labsiin duranii mana gurguruun mirga garuu namni bite diigee fudhata jedha, Labsiin kun immoo mana gurguruun dhorkaa dha garuu immoo diigee qoran isaa gurgurachuu danda’a jedha. Yaadni labsiilee lamaan kana wal fakkaatus ergan isaan dabarsan garuu gara garaa dha.
Kutaa 5ffaa
Mirga Abbaa Qabiyyummaafi Ittifayyadama Lafaa Abbaa Warraafi Hadha Warraa
Mirgi kun labsiilee lafa baadiyyaa kanaan dura turan irratti karaa iftoomina qabuun fi qajeeltoo heera mootummaa lafti qabeenya mootummaa fi uummatati jedhu waliin karaa deemuu danda’uun tumamee hin turre.
Kanaaf hanga danda’ametti mirgi wal-fuutonni lafa baadiyaa irratti qaban karaa qajeeltoo heera mootummaa waliin deemuun akkuma mirga qabeenya kaanii hariiroo haadha manaafi abbaa manaa keessattis ifaan seeraan hoogganamuu kan qabu ta’uu akka qabu yaadame keewwanni kun ifatti kan tumame dha.
Tumamuu mirga kanaafis sababni gurguddoon ka’an yeroo baayyee falmii bu’aa diiggaa gaa’elaa keessatti falmiin qabiyyee lafa baadiyaa falmii ol bahee argamuudha. Qorannoonis kanuma agarsisee jira.
Kanaan walqabatee qabatamaatti walfalmitootaafi ogeessota seeraa jidduutti garaa garummaan guddaan kan jirudha.
Kunis, diiggaan gaa’elaa yommuu raawwatamutti walfootooni qabiyye lafaa yommuu gaa’elaan waliin turan qaban ykn itti fayyadaman guyyaa tokkoof illee yoo ta’e qixxee qooddachuu qabu falmii jedhuu kan jiru yoo ta’u,
Gama biraan immoo mirgi kan argamu seeraan waan ta’eef gaa’ela raawwachuun qofa waan itti fayyadamaniif qixxee qooddatu seerri jedhu kan hin jirre ta’uu caalaatti gaa’ela mala argannaa lafaa kan taasisudha waan ta’eef akkuma mirgoota qabeenyaa kaaniitti tumaa seera maatii irratti hundaahuun murtaahuu qaba yaadama jedhutu ture.
Kanaaf yaada 2ffaa kanaan walqabatee qeeqni dhiyaatu dubartiin waggaa hedduuf jiruufi jireenya ishee lafa abbaan warraa ishee gaa’eelaan dura argatee irra jiraachaa turtee yoo diiggaan gaa’elaa raawwatu harka duwwaa gali akka deemtu taasisuun rakkoo hawwaasummaafi namummaaf kan saaxilamuudha yaada jedhuudha.
Yaadama 1ffaan walqabatee immoo kaayyoo gaa’elaa kan yeroo hin murtoofneef waliin jiraachuu jedhu waliin waan hin deemneef namni qabiyye isaa dhabuu irra gaa’ela itti seenuu akka filatu kan taasisudha kan jedhu qeeqni ni dhiyaata
Kanuma irraa ka’uun labsii 248/2015 keessatti haala rakkoo walfamii ogeeyyii seera gidduu jiru furuu ykn dhiphisuu danda’uun tumamuuf yaalamee jira.
Kunis, akka qajeeltooti gaa’elli mala itti mirgi qabeenyaa ykn mirgi abbaa qabiyyummaa itti argamu yoo ta’e gaa’elli hojii daldalaa waan ta’uuf, gaa’elli mala qabeenyi ykn mirgi abbaa qabiyyummaa itti argamu yoo ta’e immoo namni qabeenyaa ykn qabiyyee dhuunfaan qabuu eegumsa ofii gochuuf gara gaa’ela raawwachuu sodaachuutti deemuun rakkoo hawwaasummaa fiduu waan danda’uuf haala itti kan dhuunfaa ta’uufi kan waliinii ta’u ifaan tumuun kaa’uun barbaachisaa waan ta’eef labsii kana keessatti keewwata of danda’een tumameera.
Kun immoo bu’aa gaa’ela raawwachuun hordofsiisu dursanii beekuun haala itti mirga itti fayyadamummaafii abbaa qabiyyummaa lafaa irratti dursanii beekanii hooggananiif yaadamee kan tumamee dha.
Kanuma irraa ka’uun kew.10(1) jalatti akka qajeeltootti qabiyyeen lafa baadiyyaa abbaan warraa yookiin haati warraa gaa’ila keessatti mootummaa irra argatan kan waloo isaanii ta’ee kan itti fufu ta’uu.
Keewwata 10(2) jalatti immoo abbaan warraa yookiin haati warraa qabiyyeen gaa’ilan dura dhuunfaatti qaban yookiin sanaan booda maatii isaanii irraa dhaalaan yookiin kennan dhuunfaatti argatan akka qabiyyee dhuunfaatti kan galmeessisan yoo ta’e kanuma dhuunfaa isaanii kan ta’u ta’uu.
Keewwata 10(3) jalatti immoo haala addaatiin abbaan warraa yookiin haati warraa kennaa yookiin dhaalmaadhaan dhuunfaadhaan gaa’ila duras ta’e booda argatan waliigaltee isaanitiin guyyaa gaa’ila raawwatan ykn sanaan booda qabiyyee waloo taasifachuu kan danda’an ta’uifatti tumameer
Kana irra kan darbe immoo dhimmoonni kan akka Waggaa 10 fi isaa oliif waliin misoomsuun haala ittifufiinsa qabuun kan ittifayyadaman yoo ta’e, Walfuutonni yeroo kana keessatti jiruuf jireenya isaanii galii laficha irraa argamuun kan bulan yoo ta’ee fi Mirga daa’immaniifi dubartii seera irraa maddu kan hin sarbine yookiin kan hin hambisne yoo ta’e seerumti akka kan waloo isaanitti kan fudhatu ta’uun ifatti tumameera.
Kutaa 6ffaa
Mirga Abbaa Qabiyyummaa Lafa baadiyyaa Dhaalaan yookiin Kennaan dabarsuu
Labsii Lakk.130/1999 keessatti namni mirga dhaalmaa qabu miseensa maatii nama ta’e dha. Miseensi maatii immoo akkaata labsichaa keewwata 2(16)tiin ijoollee abbaa qabiyyeerraa dhalatan ykn namoota biroo galii biraa hin qabnee fi dhaabbataan abbaa qabiyyee waliin jiraatan akka ta’etti hiika. Kaawwata 9(1) jalatti immoo qonnaan bulaan ykn horsiisee bulaan ykn gamisa horsiisee bulaan miseensa maatii isaa dhaalchuuf mirga akka qabu tuma. Miseensa maatii jechuun ijoollee fi nama isatti hirkatee jiraatu akka ta’e tuma. Dabalataan immoo mirga dursa kan qabu nama galii biraa hin qabneef akka ta’es ni tuma. Kun immoo “social disorder”cimaa naannicha keessatti fidee jira. Kunis obbolaan akka walshakkan, wal ajjeesaan. Namni dhalaataa hin taane tokko qonnaan bulaa ykn horsiise bulaa ykn gamisa horsisee bulaa waliin yeroo muraasaaf illee akka hin jiraanneef ijoollee isaanii biratti shakki kan uume ta’uu dha.
Kanuma irraa ka’uun Labsii lakk.248/2015 keessatti akkuma kutaa 1ffaa keessatti ibsuuf yaalameetti hiikkoon miseensa maatii jedhu kun aadaa fi duudha uummata oromoo waliin waan hin deemneef, Oromoon alagaas kan isaa taasisee guddifachuu yoo barbaade sirna guddifachaan kan guddifatu waan ta’eef waa’ee miseensa maatitu dhaala kan jedhu hafee jira.
Kanaaf keewata 12(1) jalatti akka qajeeltootti Qonnaan bulaan, horsiisee bulaan yookiin gamisa horsiisee bulaan yeroo lubbuun jirutti dhaamoodhaan yookiin kennaa du’aan booda hojiirra ooluutiin mirga abbaa qabiyyummaa isaa dhaaltoota bu’uura seera rogumma qabuun dhaaluuf mirga qabaniif dabarsuuf kan danda’u ta’uutu tumame. Kanaaf bakka kanatti eenyutu mirga dhaalmaa qaba kan jedhu kan deebisu seera dhaalma akka ta’e dha. Dhaalmaan raawwatamus akkaata duraa duuba dhaalatiin tumameen akka ta’e ifatti kan kaa’u dha. Waa’een mirga dursa argachuufi dhiisuus labsii haara kana keessatti kan haammatame miti.
Kana malees lafa dhaaltootaaf qooduuf istandardiin gadi ta’es akkaata itti waliin itti fayyadamuu danda’an ykn qaamni aangoo qabu murtii yoo kennu maal irratti hundaa’e akka kennuu qabu kan akeeku labsicha keewata 12(5)ttis tumameera.
Qabxiin bu’uura ta’e keewwata 12 jalatti hammatame keessa namni qabiyyee lafa baadiyyaa akkaataa Labsii kana keessatti tumameen dhaalee mirga abbaa qabiyyummaa qonnaan bulaan yookiin horsiisee bulaan yookiin gamisa horsiisee bulaan qabu ni qabaata jechuun kan tumame dha. Kana jechuun namni hojjetaa mootummaa ta’e tokko qabiyyee lafa baadiyyaa dhaalmaan yoo argate mirgoonni qonnaan bulaa, horsiise bulaa ykn gamisa horsiise bulaaf raawwatan isaafis raawwatinsa kan qabatan ta’uu dha.
Kennaan wal qabatee labsii 130/1999 kew.9(5) jalatti QB, HB ykn GHB mirga itti fayyadama qabiyyee lafaa isaa miseensa maatii kan galii biraa hin qabneef, ykn lafa dhabeeyyii ijoolle isaatiif kennadhaan dabarsu akka danda’u dha. Akka labsii kanaatti namni kennan lafa argatu nama murta’ee dha. Galii kan qaban yoo ta’e ijoolleen qonnaan bulaa kennaan argachuu hin danda’an.
Haata’u malee akka tumaa labsii 248/2015 kew.13tti Qonnaan bulaan, gamisa horsiisee bulaan yookiin horsiisee bulaan tokko mirga abbaa qabiyyummaa yookiin biqiltuu dhaabbataa dhuunfaan qabu ijoollee isaa yookiin ijoollee ijoollee isaatiif kennaadhaan dabarsuu kan danda’u ta’uutu tumame. Akka tumaa kanaatti ijoollee fi ijoolle ijoolle ta’uun alatti ulaagan biraan hin jiraatu. Yaadamni kunis kan Oromoon lafa isaa dhala isaa irraa adda baasee kan hin ilaallee ta’uufi lafti lafeedha jedhee amanu irraa madda.
Kana malees ta’ee ijoollee yookiin ijoollee ijoollee kan hin jirre yoo ta’e abbaa yookiin haadha yookiin obboleewwaan isaaf kennaan dabarsuu kan danda’amu ta’uu dha. Kennaan nama kamiifu kennamu qabiyyee walakkaa ol ta’uu akka hin qabne dha. Kunis sababoota gurguddoo lama caqaasuun ni danda’ama. Kunis mirga dhaaltoota biroo irratti miidhaa akka hin geessisne fi qonnaan bulaan tokko gutummaatti dabarsee walitti hidhataminsa lafa waliin qabu akka hin hambisneefi yaadameetu dha. Kana malees yeroo gaa’ila raawwatamutti waahila gaa’ilaaf lafa kennuun kan danda’amu ta’uunis ifatti tumameera. Dabalataanis mirgi dhaalmaa fi kennaa akka walitti hin buuneef jecha keewwata 13(9) jalatti wanti akeekame akka haaratti kan jiru ta’uu dha. Itti dabaluun kennaan barreeffaman ta’uu aka qabuufi tumaaleen seera hariiroo hawaasa hanga labsii kanaan wal hin faallessinettiifi labsichaan hin haguugamnetti hojii irra ooluu akka danda’us ni tuma.
Kutaa 7ffaa
Mirga Itti fayyadama lafaa wabummaan qabsisuun maallaqa liqeeffachuu fi istandardii lafaan wal qabate maaltu haaraa dha?
Mirgi kun mirga qonnaan bulaan labsii 130/1999 keessatti hin arganne dha. Haata’u malee faalla kanaan immoo investerri tokko lafa magaalas ta’e lafa baadiyyaa akkuma argateen mirga itti fayyadama isaa qabsiisee maallaqa liqeeffachuu akka danda’u seeronni rogummaa qaban ni tumu. Yaadama kana yoo ilaalamu qonnaan bulaa irraa beenyaan kaffalamee irra fudhaamee investeraaf yoo kennamu mirga qabsisee liqeeffachuun kennamee, qonnaan bulaa yookiin horsisee bulaa lafa waliin walitti hidhataminsa ol’aanaa qabuufi mirga itti fayyadamaa yeroon kan hin daangofne qabu immoo mirga kana dhorkachuun yaadama sirrii waan hin fakkanneef mirgi kun qonnaan bulaaf karaa guutuu ta’eenifi karaa immoo lafichas harka qonnaan bulaa irraa baasuu hin dandeenyeen of eggannoon labsii haara kana keessatti tumameera.
Haaluma kanaan Abbaan qabiyyee lafa baadiyyaa kamiyyuu mirga ittifayyadama qabiyyee lafa isaa irratti qabu yeroo waggaa 15 hin caalleef galii laficha irraa argamu bu’ura taasisuun wabummaan qabsiisee dhaabbilee Faayinaansii beekamtii seeraa qaban irraa qarshii liqeeffachuu kan danda’u ta’u keewwata 17 jalatti ifaan tumamee jira. Kana malees qonnaan bulaan tokko walitti hidhataminsi inni qonna waliin qabu akka addan hin cinnee yookiin maatiin beelaaf akka hin saaxilamneef jecha immoo wabummaan qabsisuun kun immoo hanga qabiyyee qabuu walakkaa ol ta’uu akka hin dandeenyes ibsamee jira.
Kana malees Liqeeffataan yeroo liqii waliigaltee irratti ibsame keessatti liqii isaa kan hin kafalle yoo ta’e, liqeessaan yeroo liqii irratti ibsameef lafichatti fayydamuuf yookiin ittifayyadama laficha kiraan kennuuf mirga kan qabu ta’ee, daangaan yeroo ittifayydama yookiin kiraan kennuu isaa yeroo waliigaltee irratti ibsame caaluu kan hin qabne ta’uufi idaa barbaadamuun olitti laficha irraa kan argate yoo ta’e hanga idaa isaa caalaa argate qonnaan bulichaaf deebisuu akka qabutu tumamee jira. Hangi yeroo wabummaan qabsisuu karaa kaminiyyuu waggaa 15 caaluu kan hin qabne ta’uunis ibsameera. Yaadamni kunis maallaqaa fi qonnaan bulaa walitti fiduuf kan yaadame dha.
Qabxiin baay’ee murteessa ta’e haaraan labsii lakk.248/2015 keessatti hammatamee jiru keessa waa’ee istandardii bal’ina Maasaafi Qabiyyee Lafa Baadiyyaa Murteessuu keewwata 23 kan ilaallatu dha. Istandardiin lafaa inni xiqqaan miidhaan nyaataf, jallisiif, biqiltuu dhaabbataaf kanuma labsii duraanii irra jiru ta’ee, bal’inni qabiyyee lafa kan kanaan duraa karaa seera qabeessa ta’een argatame akkuma eggametti ta’ee, gara fuula duraatti bal’inni qabiyyee lafaa ol’aanaan immoo Lafa nama dhuunfaatiif mootummadhaan kennamu heektara 2 kan hin caallee; fi Lafa waliinii mootummadhaan kennamu aadaa hawaasaa qabiyyee walinii gaafatu irratti hundaa’uun murtii Mana Maree Bulchiinsaatiin kan murtaa’u ta’u haaraa labsii kanaan kan hammatame dha.. Dabalataan bakka kanatti lafa irra deebiin qooduun gonkuma kan hin hayyamamne ta’uutu tumameera.
Kana malees qabxiin dabalataa haaran dabalame bal’inni qabiyyee lafa baadiyyaa mana amantaaf yookiin bakka waqeeffannaa kennamu inni ol-aanaan hektaara walakkaa ol ta’uu kan hin qabne dha. Yeroo tokko tokko maqaa mana amantaatiin saamichii lafaa adda addaa waan gaggeeffamuu lafa qabeenya baay’ee murteessaa fi wal hin geenye kana haala barbaadamuun yoo itti hin fayyadmne rakkoo waan ta’uuf kanuma bu’uureffachuun rakkoo bakka tokko tokkotti qabatamaan oromiyaa keessatti mul’atu hambisuuf jecha kayyoo isaanii galmaan gahuuf kan isaan gargaaru heektara walakka argachuu akka qaban tumamee jira.
Kutaa 8ffaa
Lafti Baadiyyaa Magaala jala galuuf ulaagaa maal guutu qaba, mirgi qonnaan bulaahoo maal ta’a?
Seeonni duraan turan haala itti lafti baadiyyaa magaala jala itti galuu waanti adda baasanii tuman hin turre. Haata’u malee bara 2011 keessa Biiroon Lafaa Oromiyaa qajeelfama wal-harkaa fuudhinsa jedhee baasee ture. Qajeelfamni kun akka enable clause” kan fayyadame labsii qaama raawwachisaa 213/2100 kew.26(14) ture. Akka keewwata kanaatti immoo Lafa baadiyyaa maastar pilaaniidhaan gara magaalaatti daangeffame ragaa barbaachisaa ta’e qopheessuun qaama dhimmi ilaallatu waliin walharkaa fuudhinsa ni raawwata jedha. Kun immoo akka seera qajeelfama kana baasuuf nama dandeessisuu miti. Kanaaf akka wixineessa seeratti baay’ee fudhatama kan qabu miti. Gama biraatiin immoo qaamolee biro irrattis dirqisisummaan isaa baay’ee laafa dha. Dabalataanis labsii kana keewwata 71(3) irra akka hubatamutti erga dambiin bahee malee kallattiin labsii irraa qajeelfama baasuu kan haayyamu miti.
Kana malees qajeelfamumti kun akkaatan itti bahe sirrii dha yoo jedhamee kan fudhatamu ta’e illee qajeelfamichi waa’ee wal harkaa fuudhinsaa malee waa’ee mirga qonnaan bulaa beenyaan kaffalamee lafti isaa osoo harkaa hin fudhatamiin magaala jalatti daangeeffamee maal ta’uu akka qabu, tajajila baadiyyatti argatamoo magaalatti argata kan jedhuufi qabiyyee lafa isaa magalaa jala gale irratti haala kamiin itti fayyadama kan jedhu waanti karaa guutu ta’een hammatee bahe hin turre.
Kana irraa ka’uun yeroo labsiin 248/2015 wixineeffamutti dhimma kana irratti xiyyeeffannoo ol-aanaa itti kennuun tumameera. Haaluma kanaan keewwata 26 jalatti tumaan haaraan labsii duraan ture irra hin turre dabalamee jira. Tumaan kunis gababbinaan yoo ilaalamu:
Jalqaba irratti Lafti Baadiyyaa Bulchiinsa Magaalaa jalatti kan galu yoo pilaanii magaalaan daangeffamee wal harkaa fuudhinsi taasifame qofaa dha. Lafuma kana magaala jalatti daangeessuuf immoo qorannoon haal-duree qophii pilaanii taasifamuu akka qabu.
Kana malees qorannoo haal-duree qophii pilaanii taasifamu keessatti Birichaafi hawaasaa bal’aa naannoo lafa baadiyyaa pilaaniidhaan gara magaalaatti dangeeffamuu keessa jiraatanii kan hirmachisee ta’uu akka qabu. Haawasnis akka beekuu, biiroonis hanga lafa bulchutti yeroo pilaaniin magaala jalatti daangeeffamu sirnaan beekuu waan qabuufi dha.
Wal-harkaa fuudhinsi lafa baadiyyaa pilaaniidhaan gara magaalaatti daangeffamee kan raawwatamu ragaa iftoomina qabu irratti hundaa’ee qaama aangoo qabuun yoo murta’ee qofa dha. Qaamni seeroota biroon aangoon kennameef immoo mana maree magaalotaan sadarkaan jiraniin erga murtaa’een booda dhuma irratti immoo mana maree bulchiinsaan mootummaa naannichaan kan mirkanaa’uu dha.
Haata’u malee Abbaan Qabiyyee lafti isaa gara magaalaatti dangeeffame hanga bulchiinsi magaalaa bu’uura seera rogummaa qabuun beenyaa kaffaluun qabiyyicha gadi lakkisiisuutti mirgi abbaa qabiyyummaa laficharraa qabuu itti fufinsaan kan kabajamuuf ta’uu ifatti tumameera.
Abbaan qabiyyee lafti isaa pilaaniin bulchiinsa magaalaa jala galuun wal harkaa fuudhinsi taasifame mirga abbaa qabiyyuumaa Labsii kana keessatti tumame yeroo hojii irra olchuu Waajjira lafaa bulchiinsa magaalaa irraa tajaajila barbacahisu kan argatu ta’us dabalataan tumameera. Bakka kanatti qaawwa seerota duraan turan irraa kan ka’e qonnaan bulaan, horsisee bulaa fi gamise horsiisee bulaan baay’ee rakkachaa kan turan ta’uu qorannoonis agarsisee waan tureef karaa rakkoo kana furuun danda’amuun tumamee jira.
Bulchiinsi magaalaa lafti baadiyyaa isa jalatti daangeeffamee wal harkaa fudhiinsi tasifame ragaa mirga abbaa qabiyyummaa gitu ibsu abbaa qabiyyee sanaaf kennuu akka qabuu fi Ta’us Abbaan qabiyyichaa osoo ragaan kun hin kennamiiniif Waraqaa ragaa Abbaa qabiyyuumaa lafa badiyyaa irratti fudhatee ture deebisuuf kan hin dirqamne ta’uunis ifatti tumameera. Kun immoo abbaan qabiyyee ragaa isaa deebisee osoo beenyaan hin kaffalamiin lafa isaa akka hin dhabneef jecha eegumsa taasisuuf yaadameetu dha.
Kutaa 9ffaa
Kaffaltii Tajaajilaa Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa
Kafaltii tajaajilaa ilaalchisee lafa badiyyaa irratti xiyyeeffannoon kennamee irratti hin hojjetamne ture. Tajaajilli lafa baadiyyaan wal qabatee abbaa qabeenya lafa baadiyyaa fudhatanii hojii investimentii gaggeessanis ta’e kallatti gara garaan lafatti fayyadaman ilaalchisee seerota duraan turan irra hanga kana hin turre.
Haata’u malee akkuma lafa magaalaan wal qabatee tajajila adda addaa kennamuuf kaffaltiin raawwatamu hangi maallaqaa wal haa caalu iyyuu malee lafa baadiyyaa irrattis haaluma wal fakkaatun tumamuun barbacahisa akka ta’e hubatamee labsii 248/2015 kew.27 jalatti ibsamee jira.
Haaluma kanaan kew.27(1) jalatti namni mirga abbaa qabiyyummaa yookiin ittifayyadama lafa baadiyyaa qabu kamiyyuu Kaffaltii tajaajilaa irraa barbaadamu yeroo isaa eegee raawwachuuf dirqama kan qabu ta’uutu tumame. Itti dabaluunis abbaan qabiyyee waraqaa ragaa qabiyyee lafa baadiyyaa yeroo fudhatu yookiin haaromsa ragaa lafaa yeroo taasisu yookiin hojiin galmeessafi mirkaneessa waliigaltee yookiin tajajilli biroon akkaataa Labsii kana keessatti tumameenfi seerota Labsii kana raawwachisan keessatti ibsamaniin kan raawwatamuuf yoo ta’e kaffaltii tajaajilaa kan kaffalu akka ta’e tumameera.
Kana malees labsii haara kana keessatti qabxiin bu’uura hammatame hafinsa Mirga abbaa qabiyyummaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaati. Labsii 130/1999 irratti waa’een hafinsa mirga kanaa adda bahee tumamee hin turre.
Haata’u malee sababoota gara garaa irraa ka’uun tumaan kun labsii haara kana keessatti akka haammatamu ta’ee jira. Kunis keewwata 28 jalatti sababa mirgoota kana hambisuu danda’aniifi bu’aan mirgi hafaa ta’e kun hordofsiisuus walumaan tumamee jira.
Bu’uuruma kanaan keewwata 28(1) jalatti saba mirga kana hafaa taasisan tarreesse kaa’a. Sababoonni kunninis:
Faayidaa ummataatiif qabiyyichi barbaadame qaama aangoo qabuun akkaataa seera rogummaa qabuutiin yoo irraa fudhatame;
Fedhiidhaan mirga ittifayyadama lafichaa dhiisuu isaa barreeffamaan kan beeksisee yoo ta’e;
Akkaataa Labsii kana keessatti tumameen mirga abbaa qabiyyummaa isaa yookiin ittifayyadama isaa nama biraaf dabarsee yoo kenne;
Akkaataa tumaalee Labsii kanaafi seerota rogummaa qaban birootiin;
Sababa humna ol hin taaneen yookiin sababa gahaa tokko malee qonnaan bulaan yookiin gamisa horsisee bulaan lafa roobaan misoomu osoo itti hin fayyadamin waggaa lamaafi isaa ol yoo kan ture yookiin lafa jallisiin misoomu osoo itti hin fayyadamin waggaa tokkoofi isaa ol kan ture yookiin kunuunsa lafichaaf taasifamuu qabu osoo hin taasifamiin hafuu irraa kan ka’e Biirichaan kan irraa fudhatame yoo ta’e;
Qabiyyee dhaabbileen miti-mootummaa yookiin hawaasummaa kaayyoo isaanii galmaan geessisuuf argatan yeroon mirga ittifayyadama isaanii akkuma xumurameen akkaata Labsii kana Keewwata 8 Keewwata Xiqqaa 2 keessatti tumameen kan hin haaromsine yoo ta’eedha.
Itti dabaluunis keewwata 28(2) jalatti bu’aan hafinsi mirgaa kun hordofisuu yoo tumu:
Qabiyyeen lafa baadiyyaa mirgi abbaa qabiyyummaafi Ittifayyadamaa isaa hafaa ta’e, seera yookiin tumaa addaa Labsii kana keessatti ibsameen nama biraaf mirga abbaa qabiyyummaafi ittifayyadamaa kan kennisisuu yoo ta’e malee qabiyyee mootummaa akka ta’u taasisee jira. Kanaaf namni mirgi abbaa qabiyyummaa isaa sababoota ibsamaniin jalaa hafaa ta’e qabiyyichi gara mootummaatti kan deemu ta’uu agarsiisa.
Kutaa 10ffaa
Akkaataa Itti Falmiin Mirga Abbaa Qabiyyummaafi Ittifayyadama Lafaa Itti Hiikamu
Labsii duraanii 130/1999 keewwata 16 jalatti akkaatan itti waldiddaafi wal dhabinsi hiikamu tumamee ture. Akkaata labsicha keessatti tumameenis Ganda keessatti wal diddaan yookiin wal dhabinsi daangaa lafa qonnaa irratti yookiin qabiyyee lafaarratti ka’u kamiyyuu ganda irraa eegaluu akka qabu tuma. Adeemsi isaas bulchiinsa gandaatti iyyata dhiyeeffachuu,jaarsolii araraa lama lama wal himattoota lamaaniin akka filataman taasisuuf, walitti qabaan jaarsolii araraa wal himattootaan ykn jaarsolee araraatiin kan filatamu ta’uu, yoo waliigaluu dhaban bulchaa gandaatiin walitti qabaan kan filatamu ta’uu tuma. Bulchiinsi gandaas bu’aa jarsolii araraa guyya 15 keessatti akka dhiyaatan taasise bu’aa araraa dhiyaates bulchiinsi gandaa galmeessuun waraabbii isaatis battalumatti abbootii dhimmaatiif chaappaa gochuudhaan akka kennu ni dirqisiisa. Kana malees bu’aa araraa jarsooleen kennan irratti namni walii hin galle yoo jiraate bulchiinsi gandichaa gaafa galmeesse irra eegalee bultii soddoma keessatti bu’aa jaarsolee araraa gandaa wal qabsiise himannaasaa Mana murtii Aanaatti dhiyeeffachuu akka qabu agarsisa. Manni murtii bu’aa araraa malee himata akka hin fuune, murtee mana murtii aanaa Manni murtii Godinaa jijjire kan murtesse yoo ta’e Waliigalatti akka iyyatamuu danda’u tuma. Kana irra darbee Walfalmitoonni dhimma isaanii mala barbaadaniin xumuurrachuu akka danda’an tumee ture.
Dambii lakk.151 /2005 bahe keewwata 18 jalattis haalli wal diddaan itti hiikamuu bal’inaan ibsamuuf yaalameera.
Kunis waldiddaa fi waldhabiinsa daangaa yookiin abbummaa qabiyyee lafaa Qonnaan Bulaa, Horsiisee Bulaa yookiin gamisa Horsiisee Bulaa kan akka oorruu, lafa manaa, lafa dheedicha, lafa bishaanii, lafa jallisii fi kan kana fakkaatan ilaalchisee uummamu mana murtii dhaquun dura iyyata bulchiinsa gandaati dhiyaatee jaarsolee araaraa abbootiin dhimmaa filataniin kan ilaallamu ta’a jechuun waa’ee daangaa fi abbummaa qabiyyee irratti ganda irraa akka ka’u erga ibseen booda dabalataan abbummaa qabiyyee kana keessas ganda irraa kan ka’uu qabu ibsa agarsiistu lafa manaa, lafa dheeddichaafi kan biro akka ta’e tumee jira.
Labsiifi Dambii duraan turan haala kanaan haa tuman iyyuu malee rakkooleen naannoo kanatti qorannoon adda bahan kanneen bu’uuraa bu’aan jaarsolii araraa maal ta’uu akka qabu ifatti taa’uu dhaabuun, bulchaa gandaa yeroo garee walfalmitoota keessaa tokkoof loogu jiraachuu, yeroon iyyataa guyyaa 30 dabarsuun bu’aa maal hordofsiisa ykn resjudicata effect qabamoo miti kan jedhuu fi Jaarsummaan kun arbitration ykn conciliation ykn mediation ta’uun isaa waanti adda bahee beekame kan hin jirre ta’uu dha.
Haata’u malee namoota qorannicha keessatti yaada kennan keessa dhibbeentaan 44.11 osoo yeroo tokko tokko karaa aadaan furamee wayya kan jedhan yemmuu ta’u dhibbeentaan 31.37 immoo yeroo hunda osoo karaa aadaatiin furamee akka filatan ibsaniiru. Dhibbeentaa 19.77 kan ta’an garuu osoo yeroo hunda karuma mana murtii dhimmi wal-diddaa lafaa furamee kan filatan ta’uu ibsaniiru. Bu’aa qorannoo kana irraa ka’uun dabalataanis rakkoodhuma isaa waliin mana murtii irraa dhimmoota waan hir’isuuf ganda irraa ka’uun gaaruma kan jedhu fudhachuun labsii lakk.248/2015 keessattis fudhatamee tumamee jira.
Yeroo qophii wixinee kanaatti yaadonni gara garaa sadii dhiyaatani turan. 1ffaa dhimmi wal falmii lafaa akkuma qorannoon agarsifameetti ganda irraa ka’uun faayidaa waan qabuuf haala kanaan tumamuu qaba kan jedhu, 2ffaan Dhimma falmii kana gutummatti mana murtii aadaaf kennamee mana murtii adaan fala argachuu qaba kan jedhuufi inni 3ffaan osoo gandas ykn mana murtii adaas hin dhaqiin manuma murtii idileen ilalamee fala argachuu qaba kan jedhu dha.
Yaadota sadan keessa 2ffaa fi 3ffaan hin fudhatamiin hafanii, yaadni 1ffaan fudhatamee labsicha keessatti tumamee jira. Sababni yaadni 2ffaan hin fudhatamiin hafes akkaataa labsii mana murtii aadaa hundeessuuf baheen lakk.240/2013 keewwata 8(2) jalatti Manni Murti Aadaa dhimma waldhabdee dhiyaatuuf ilaaluu kan danda’u, gareeleen waldhabdee qaban dhimmi isaanii Mana Murtii Aadaatti akka ilaalamu fedhii kan qaban yoo ta’e qofaa dha Jechuun waan tumuuf mana murtii aadaatti dhimmi tokko kan ilaalamu akkuma mana murtii shari’aa yoo gareeleen lamaan irratti waliigalan qofa dha. Kanaaf dirqamaan labsii lafa baadiyyaa keessatti akka ilaaluu taasisuun tumaa keewwata kanaan kan wal faalleessu ta’a. Kana irraa ka’uun yaada kana wixinee kana keessatti fedhii isaanii yoo ta’e malee dirqamaan akka ilaaluu kan jedhu osoo hin fudhatiin bira darbameera. Yaadni 3ffaan immoo sababni osoo hin fudhatamiin hafameef qorannoon kan agarsisee dhimmi tokko dursa jaarsummaan yoo ilaalamee gaarii akka ta’eefi mana murtii irras dhimmoota hedduu akka hir’isu waan itti amanameef yaada kanas bira darbamee jira.
Haata’u malee dhimmi falmii lafa baadiyyaa a ganda irraa ka’uu qabu adda bahee akkasumas qaawwa raawwii keessatti seerota duraanii keessatti mul’atan karaa hambisuu danda’uun tumamee jira. Kunis jalqaba irratti dhimmoota ganda irraa ka’uu qaban ifatti tumee jira. Haaluma kanaan :
keewwata 33(1) jalatti falmiin mirga abbaa qabiyyummaafi ittifayyadama lafa baadiyyaan dhimmoota armaan gadiin walqabatee ka’u bulchiinsa gandaa irraa eegaluu akka qabu agarsisa.
Falmii daangaa lafaan walqabatee ka’u;
Falmii mirga abbaa qabiyyummaa lafaa kan akka ooyiruu, lafa mana jireenyaa, dheedichaa, bishaanii, jallisiin walqabatee ka’u; yookiin
Falmii dhaaltoota mirga dhaalmaa qabaniifi nama mirga dhaalmaa hin qabne gidduutti taasifamu.
Itti dabaluunis jarsooleen araaraa walitti qabaa dabalatee adeemsa araaraa keessatti garee walfalmitootaa keessaa tokkoof osoo hin loogiin dhugaafi qabatamaa jiru irratti hundaa’uun wal falmitoonni dhimma isaanii waliigalteen akka hiikkatan hojjechuun alatti dhibbaa kamiyyuu geessisuu kan hin qabne ta’uutu tumame jira. Jarsooleen araraa walfalmitoonni falmii jidduu isaaniitti uumame jalqaba irratti waliin dubbatanii waliigaluun akka hiikkatan ni jajjabeessu; yoo akkaataa kanaan waliigaluu baatan yaada walfalmitootni osoo irratti waliigalanii jedhan dhiyeessu;
Kana malees rakkoo kanaan dura raawwii murtii jarsolee araraan wal qabatee mul’achaa ture karaa hambisuu danda’uun waliigalteen araaraa taasifamee bulchiinsa Gandaatti galmaa’e akkaatuma waliigaltee isaanitiin kan raawwatamu ta’ee; barbaachisaa ta’ee yeroo argametti waliigalteen araaraa Mana Murtii Aanaa qabiyyeen lafichaa itti argamuutti dhiyaatee kan raawwatamu akka ta’e tumamee jira. Gareen wal falmitootaa kan waliif hin galle yoo ta’e jarsooleen araraa walfalmitootni kan waliif hin galle ta’uu isaanii qofa ibsuun barreeffamaan Bulchinsa gandaaf ni gabaasu. Dabalataanis haalli addaa yoo jiraatee kallattiidhaan himannaa mana murtitti dhiyeessuun akka danda’amu ifatti tumameera.
Itti fufuunis jarsolee araraan alatti walfalmitoonni haala barbaadaniin dhimmasaanii ofii isaanii waliin dubbachuun araaraan xumurachuu yookiin mala biroo akkaataa aadaafi duudhaa bakka jireenya isaanii jiruun yookiin akkaataa seera rogummaa qabuutiin Mana Murtii Aadaa sadarkaa gandaatiin dhimmi isaanii ilaalamee fala akka argatu taasisuu kan danda’an ta’uufi falmiiwwaan qabiyyee lafaan wal qabatanii jiran ta’ee dhimmoota labsicha kew.33(1) ala jiran akkatuma seera rogummaa qabuun kan ilaalaman ta’us ifatti akeekamee jira.
Kutaa 11ffaa
Darbinsa yeroo
Seerota adda addaa keessatti namni tokko mirga qabeenyaa yookiin qabiyyee isaa namni biraan jalaa qabate irratti darbinsi yeroo itti gaafachuu danda’u ifatti yeroo tumamu ni mul’ata. Yaadamni kanaas abbaan mirgaa hordoffii taasisuun tarkaanfii mirga isaa bakkatti deebifachuu akka qabu dha. Labsii lafa baadiyyaa 130/1999 keessatti waa’een darbinsa yeroo waanti tumame hin turre. Haata’u malee dambii 151/2005 kew.32 jalatti yaada labsii irra hin turre haara dambi keessatti waa’ee darbinsa yeroo hammachisuun tumamee ture. Kunis “namnii lafa badiyaa seeraan ala qabatee argame kamiyyuu hanga wagga 12 tti gadidhisisuuf darbiinsa yerootiin hin daangeeffamu” jechuun kan tume yoo ta’e gara galtoon dubbisa keewwata kanaa kan agarsisuu waggaa 12 booda mirgi kun gaafatamuu kan hin dandeenye ta’uu fi namni seeran ala lafa qabate argame akka abbaa mirgaa ta’uutti tilmaamni kan fudhatamu ta’uu namatti agarsiisa. Haata’u malee dhimma kana akkataa argannaa lafaa labsii lafa baadiyyaa 130/1999 waliin yoo ilaalamu labsicha keessatti lafti karaan itti argamuu danda’u Mootummaa Irraa, Dhaalaan, Kennaan akka ta’e namatti agarsiisa. Haata’u malee faalla kanaan akkaatan Dambii 151/2005tiin lafti seeran ala qabatamee ilaalchisee garuu ejjoonnoon gara garaa lamatu ture.
Garee 1ffaan Dambichi keewwata 32 irraa kan hubatamu namni lafa seeraan ala qabate lafa qabate kan akka gadi lakkisu taasisuuf abbaan mirgaa waggaa 12 keessatti himachuu qaba. Sanaan booda darbinaan lafa kana isa gadi lakkisiisuu hin danda’u. namni darbiinsa yeroon lafti isa harkatti hafe kun mirga abbaa qabiyyuummaa horata jedhu. Kunis dudhaa darbiinsa yeroo kana kan agarsiisuu dha. Kanaaf lafa nama dhuunfaas ta’e kan mootummaa ykn kan gamtaan ummanni itti fayyadamu waggaa 12’f qabatanii turuun mirga abbaa qabiyyummaa nama gonfachiisa yaada jedhuun falmamaa tureera.
Gareen 2ffaan immoo Lafa seeraan ala qabachuun waggaa murtaa’eef turuun qofti mirga abbaa qabiyyummaa nama hin horachiisu. Lafti qabeenya murteessaa haala bu’aa qabeessa fi itti fufiinsa qabuun bifa faayidaa waliinii ummataaf ooluu danda’uun itti fayyadamuu qabnuu dha. Kanaaf lafti waggaa 12 oliif qabame abbaan mirgaa gaafachuu dhiisus mootummaan gaafatee deebisisuu danda’a jedhu. Yaadni garee kanaas qabiyyee dhuunfaa fi qabiyyee waliiniif kew.32 hojii irra ooluu danda’a yoo jedhame illee qabiyyee mootummaa hoo maal ta’a kan jedhu hin deebisu. Kunis keewwata 32 jalatti gosa qabiyyeen adda baasee osoo tumeera ta’e falmiin kun hanga tokko deemsisuu danda’a. garuu kew.32 jalatti mootummanis ta’e akka waggaa 12 booda gaafachuu hin dandeenyetti tumamee jira.
Kanaaf 1ffaa rakkoo olitti ka’e kana irraa ka’uun, 2ffaa imaammata biyyi keenyaa hordoftu kunis lafti qabeenya mootummaa fi kan uummataati jedhu xiyyeeffannoo ol-aana keessa galchuun labsii 248/2015 keewwata 53 jalatti haala adda ta’een waa’een darbinsa yeroo tumamee jira.
Kunis namni Lafa qabiyyee mootummaa yookiin waliinii yookiin dhuunfaa karaa seeraan alaatiin qabate kamiyyuu darbiinsa yeroo akka mormiitti dhiyeessuu hin danda’u. Nama mirga abbaa qabiyyummaa qabuun yookiin mootummaadhaan yeroo kamiyyuu akka gadi lakkisuuf gaafatamuu ni danda’a jechuun tumamee jira. Akka yaada labsii kanaatti abbaan qabiyyee dhuunfaa gaafachuu dhiisus mootummaan gaafate baankii lafaatti deebisuu akka danmda’u illee kan agarsisuu dha. Haata’u malee qabiyyeen dhuunfaa Labsiin 248/2015 hojiirra ooluun dura waggaa 10’n oliif qabame akka haaratti gafatamuu akka hin dandeenyes tumaan addaa tumamee jira. Sababni bu’uura tumaa addaa kanaas tasgabbii dhabuu hawaasa hambisuuf yaadametu dha. Kunis dambii duraan hojii irra tureenis ta’e seeroota hariiroo hawaasaa irratti hundaa’uun murtiin manneen murtii waggaa 10 fayyadamuun murtee kennaa turan waan jiruuf duubatti deebi’amee dhimmoota kana “regulate”gochuun faayidaa isaa irra miidhaan isaa waan caaluuf tumaan addaa kun tumameera. Haata’u malee dabalataan tumaan addaa labsii 248/2015 kew.53(3) jalatti tumamee kan biroon Darbiinsi yeroo gaaffi mirgoota biroo hariiroo Labsii kana keessatti tumaman irraa maddaniin walqabatee dhiyaatu akkaataa seeraa dhimmichaaf rogummaa qabuutiin kan raawwatamu akka ta’e tumamee jira. Mirgoonni kunninis waliigaltee, dhaalaa ykn kennaa ykn dhimma biro ilaalchisee darbinsi yeroo jiru akkatuma seerota dhimma kana bulchaniin akka ta’uu qabu agarsisuun tumamee jira.
Kanaaf Lafti seeran ala qabatamee darbinsa yeroon mirgi abbaa qabiyyumma itti argatamu hin jiru!
Kutaa 12ffaa
Dhimmoota Biroo Haara labsii 248/2015 keessatti haammataman
1ffaa Ittifayyadama Lafaa Giddugala Guddina Baadiyyaa maalii? Yaadni kunis maaf barbaachise?
Jiraattootni ganda baadiyyaa faffaca’anii bakka garaa garaa ganduma tokko keessa jiraatan akkaataa bu’uraalee misoomaafi kenna tajaajila mootummaa yookiin miti mootummaa yookiin walii isaanii irraa argachuu danda’anitti qorannoo irratti hundaa’uudhaan giddu galeessi hundaa’uun akka hawaasni irraa fayyadamaa ta’u taasisuuf yaadamee yaadni kun labsii 248/2015 kana keessatti haara dabalamee jira. Giddugaleessota kana keessatti sirni kenniinsa iddoo ijaarsa mana jireenyaafi istaandaardiin ijaarsaa guutuu qabus adda bahee Dambii bahu keessatti akka tumamuu qabu agarsiisa. Qonnaan bulaan, horsisee bulaafi gamisa horsisee bulaan Mana istandardii barbaachisu guutee giddu gala ganda baadiyyaa keessatti ijaramee dhaabbilee Faayinaansiitti wabummaan qabsiisee maallaqa liqeeffachuu akka danda’us tumamee jira.
2ffaa Waa’ee adabbii yakkaa, labsii duraanii irratti adabbiin yakkaa tumame hin turre. Haata’u malee dambii 151/2005 keessatti tumaan adabbii yakka tumamee ture. Dhimma kanaan wal qabatee adabbii yakkaa bilisummaa mirga nama kan sarbu seera baasuu kan danda’u Caffee dha malee mana maree miti jechuun falmiin ogeessota seera biratti ture. Dabalataan manneen murtis falmiidhuma kana cimsuun himannaa yakkaa Dambii bu’uureffatee dhiyaatu yeroo kuffisantu ture. Rakkoo kanaaf karaa fala ta’uu danda’uun labsii 248/2015 keessatti gochaalee dhorkaa ta’an keewwata 54 jalatti adda baasuun tumuun, nama gochaalee dhorkaman kana irra darbuun raawwate immoo adabbiin yakka adabamu qabu keewwata 55 jalatti bal’inaan tumamee jira. Falmiin duraan tures labsii kanaan fala kan argate dha.
Kutaa 13ffaa
Seeronni haqaman kami?
Labsii lafa baadiyyaa 248/2015 kanaan seeronni hedduun bara 1987 kaasanii hojii irra turan haqamanii jiru. Seeronni haqaman kunninis lafa baadiyyaan wal qabatee kan jiran ta’ee kan labsii 248 fi 249 keessatti hammataman of keessa kan qabani dha. Kanuma irraa ka’uun labsii 248/2015 kanaan seeronni haqaman kunnin:
Labsiin Naannoo Oromiyaatti Haala Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Investimentiif Tahu Murteessuuf Bahe Lakkoofsa 3/1987 Labsii kanaan haqamee jira.
Labsiin Naannoo Oromiyaatti Haala Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Investimentiif Tahu Murteessuuf Bahe Fooyyessuuf Bahe Lakkoofsa 19/1989 Labsii kanaan haqamee jira.
Labsiin Naannoo Oromiyaatti Haala Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Investimentiif Tahu Murteessuuf Bahe Fooyyessuuf Bahe Lakkoofsa 23/1990 Labsii kanaan haqamee jira.
Labsiin Naannoo Oromiyaatti Haala Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Investimentiif Tahu Murteessuuf Bahe Fooyyessuuf Bahe Lakkoofsa 41/1993 Labsii kanaan haqamee jira.
Labsiin Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Baadiyyaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 130/1999 Labsii kanaan haqamee jira.
Labsiin Kaffaltii Ittifayyadama Lafa Baadiyyaafi Gibira Galii Hojii Qonnaa Mootummaa Lakkoofsa 99/1997 fi Labsii kana fooyyeessuuf kan bahe Lakkoofsa 131/1999 dhimmoota Kiraa Lafaafi Kaffaltii Tajaajilaan walqabatee jiru Labsii kanaan haqameera.
Seeronnii, murtiiwwaan hiikkoo dirqisiisaafi hojmaatni Labsii kanaan walfaallessan kamiyyuu raawatiinsa hinqabaatan.Murteen dirqisiisaan kennamu bakka qaawwi seera jiru irratti kan kennamu dha. Seerri ifa ta’e kan jiru yoo ta’e seerichi dogoggora ta’us murtiin dirqisiisan dhimmicha irratti karaa tumaa faalla seeran kennamu waan hin jiraanneef murtiin dirqisiisaa MMWOtinis ta’e MMWFtiin dhimmoota ifaan labsii kana keessatti hammachifaman irratti kennamu fudhatama kan hin qabaanne ta’uu agarsiisa.
Galatoomaa!
Comments
Post a Comment